• Thu. Mar 19th, 2026

Gareen finxaalessaa Amaaraa godinni addaa saba Amaaraa Oromiyaa Wallaggaa keessatti akka hundaa’uuf gaaffii jabeessuun dhagaa’ame  

Sep 25, 2023

ONM-ABO Fulbaana 25, 2023

Humni finxaalessaan Amaaraa Oromoon lafa impaayera Itoophiyaa keessaa hin qabu jechuun miidiyaa irratti dubbachuu irra darbanii Wallaggi, Bishooftuu, Adaamaan, Finfinnee fi bakkootni biroo keenya jedhanii dhaadatan lafa Oromoo jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffachuuf laga ce’anii dhufan deebisanii keenya jechuun godinni addaa akka irratti isaanii hundaa’u gaafachuu jabeessanii jiru.

Haala kanaanis wiirtuu magaalaa isaanii Guttiniin taasifachuun godina Baha Wallaggaa irraa aanota ja’aa fi Horroo Guduruu Wallaggaa irraa aanota afur kutuun godinni addaa saba Amaaraa akka hundeeffamuuf kan gaafachaa jiran yoo ta’u, tibba kana bulchitootnin godinaa fi aanaalee kanneenii magaalaa Guttiniitti walga’uun maree irra turuu maddeen ibsan.

Akka maddeen jiraattota irraa hubachuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti murni faashistii PP wal dhibdee naannoo Amaaraa waliin keessa jiran qabbaneessuuf lafa  Oromoo akka kennaatti kennuuf hojjechaa jiraachuu himuun, kana hundaa kan fide callisuu uummata Oromoo waan uummatni keenya tokkummaan waan deemaa jiru hordofee diddaa finiinsuu qabas jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading