• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti dargaggoon tokko waraana faashistii PPn yoo ajjeefamuun Anfilloo keessatti namni tokko loon 13 saamame  

Sep 25, 2023

ONM-ABO Fulbaana 25, 2023

Dhalootni egeree fi abdii biyyaa ta’uun ijaarsa biyyaa keessatti shoora taphatan impaayeera Itoophiyaa keessatti tiksitoota sirnichaan badii tokko malee dhiigaa fi lafeen isaanii badaa akkasumas warreen jibbiinsa Oromummaan qalbiin isaanii machaa’een lubbuun ol aadeemtoota akka baalaa harca’aa oola.

Haaluma kanaan Fulbaana 22, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Gomboo jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Caalii  Solomoon Ashabir  jedhamu waraanni goolessaan PP ilmaan namaaf naasuu hin qabne balleessaa tokko malee deggeraa waraana bilisummaa Oromooti maqaa jedhu itti maxxansuun rasaasaan rukuchuun ajjeesuu jiraattotni himan.

Dargaggoo Caaliin nama tuttuqaa siyaasaa kam keessayyuu quba hin qabnee fi deggeraa dhaaba kamii hin taane; dargaggeessa hawaasa naannoo biratti jaalala guddaa qabu akka ta’e jiraattotni kaasuun  sababni tokkichi inni ajjeeffameef Oromoo ta’ee dhalachuu qofaadha jechuun yaada isaanii Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu biraatiin achuma godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Da’oo Toobbii keessaa waraanni faashistii PP loon 11, hoolaa, fi re’ee qonnaan bulaa tokko jalaa fudhachuun ayyaana Masqalaatti qalachuuf buufata isaanii magaalaa Muggii hanga Seertumiitti jiru irra rabsachuun ibsame.
Kana malees buna kuntaala sadii fi harree lamas namoota kanneen jalaa fudhatanii jiru.

Qonnaan bulaan loowwan kun jalaa saamame obbo Amadoo Alii fi Yaasin Alii kan jedhaman yoo ta’u, hojii qonnaa fi horsiisaan alatti badii tokko iyyuu akka hin qabne kan himan maddeen, murni saamichaaf ijaare bobbaa baadiyaa keessatti taasisaniin maallaqa, midhaan, bunaa fi beelladoota saamuu hojii idilee akka taasifatan dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading