• Fri. Mar 13th, 2026

Barataan Oromoo tokko Yuunivarsiitii Soomaalee Jijjigaa osoo deemaa jiruu humna addaa Soomaaleen qabamuun achi dhabamsiifamuun himame 

Sep 27, 2023

ONM-ABO Fulbaana 27, 2023

Ilmaan oromoo jibbinsi sanyummaa bakka deeman cufatti karaalee murnoota PPn irratti jabaatee jiru itti fufuun barattootaa fi qote bultoota osoo hin jedhin babaldhifannaa lafa dabalatee ijaarsa sirnichi shiraan oromoo irratti dalaguun hiraarfamni daraan jabaatee jira.

Haaluma kanaan Fulbaana 23, 2023 barataa Nuuraddiin Abraahim jedhamu Jijjiigaa Yuunivarsiititti barataa muummee Narsii kan ta’e dhalootaan godina Harargee lixaa aanaa Gumbii Bordoddee osoo deebii boqonnaa booda mana barnoota deemaa jiru poolisoota humna adda somaaleen konkolaataa keessaa butamuun hanga gabaasni Kun qindaa’etti eessa akka geeffamee hin beekamin jiraachuu hiriyyootni isaa dubbatu.

Barataan Nuuraddiin  guyyaa keessaa naannoo sa’a 9:00tti qabamuun isaa kan barame fi yeroo sanatti konkolaataa Keessatti dhukkubaa akka ture hiriyyootni isaa kaasuun eegdonni kunneen bakka adda Qollaajii jedhamuun beekamu butuun uffataa fi qabeenya barnootaaf isaaf barbaachisu waliin dhabamsiisu dabaluun ibsaniiru.

Oduu biraatiin godina Harargee lixaa aanaa Gumbii Bordoddee araddaa Saamaa keessatti Fulbaana 25, 2023 halkan irraa tarkaanfi gootichi Waraana bilisummaa oromoo humna bilxiginnaa iratti fudhateetti humni bilxiginnaa baaraguun hawaasa naannoo sana lagaaf gandaan qooduun uummata Walitti buusaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading