ONM-ABO Fulbaana 29, 2023
Dhiibbaa kaabinoonni bilxiginnaa irratti raawwataa jiraniin rakkoo hedduu keessa jiraachuu isaanii gabaasaa kan turre jiraattotni aanaa Cawwaaqaa, har’as saamicha lafaa kaadiroota sirnichaan irratti gaggeeffamaa jiruun harka qullaatti hafaa jiraachuu dubbatu.
Kaabinoonni aanaa Cawwaaqaa yeroo ammaa hawaasa Oromoo lafa isaanii irraa buqqisuun dantaa dhuunfaa ofiif olfachaa kan jiran yoo ta’u, gocha saamicha lafaa kanaanis tokkoo tokkoo namoota qabiyyee lafaa qabanii irraa lafa meetira 100 fuudhuun qarshii 100,000 tti gurguratanii Finfinneetii Mana ittiin bitachaa akka jiran maddeen kaasuun, kaadirootni maqaan isaanii Alishoo Mohammed fi Mohammed Zeenuu Jedhaman ammatti Mana Finfinneetii bitatanii jiraachuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti namootni manneen jalaa saamame kunneen lafa isaanii irraa buqqa’uun rakkachaa kan jiran hoggaa ta’u, namootni muraasni maqaan isaanii Jamaal Saanii, Nuuraddiin Busiyyee, Mohammed Yuuyyaa, Mohammed Abraahim fi Ziyaad Beezaa jedhaman isaan muraasa lafti isaanii jalaa saamame akka ta’es addeeffameera.


