ONM-ABO Fulbaana 29, 2023
Impaayera Itoophiyaa keessatti heerotaa fi seerota barreeffamaa hojii irra Kan hin olchine tiksitootni sirnichaa, kaffaltii maallaqaa fi midhaan callaa sababa hin beekamneen uummata gaafachuun guyyaa irraa gara guyyaatti saamicha jiraattotatti qormaata ta’e raawwachaa jiru.
Bifuma kanaanis, Fulbaana 26, 2023 irraa eegalee godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daaboo Haannaa ganda Cittuu Qarkaa keessatti bulchiinsi aanichaa qarshii kuma dhibba tokkoof kuma shantamaa (150,000) fi midhaan kiiloo giraama 2000 kg kennuu qabdu jechuun hawaasa naannichaa dirqisiisaa Kan jiranii fi namootni maallaqaa fi midhaan jedhame hin kaffalle addabbiin hanga mirga biyyattii keessa jiraachuu dhorkamuu fi umurii isaanii guutuu mana hidhaa keessatti dabarsuu akka isaan eeggatus dabarsuun jiraattota doorsisaa jiraachuu maddeen himan.
Saamichi maallaqaa fi midhaanii ganda Cittuu Qarkaa irratti eegalee jiru kun gandoota aanichaa cufa keessatti akka itti fufu Kan dubbatan jiraattotni, bulchaan gandichaa namni kam waraqaa eenyummeessaa malee ba’ee galuu akka hin dandeenyes labsuun, waraqaa kana argachuuf maallaqa kaffalaa jedhame yeroon xumuraa jechuun hawaasa qaala’iinsi jireenyaa itti ulfaatee jiru hiraarsaa jiraachuunis ifoome.



