• Thu. Nov 26th, 2026

Godina kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa fi Bachoo keessatti ilmaan Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an hidhamanii dararamaa jiraachuun beekame 

Sep 30, 2023

ONM-ABO Fulbaana 29, 2023

Murni hidhaan akka waan rakkoo impaayerattii mudateef fala ta’uutti fudhachuun ilmaan Oromoo gidirsaa jiru bilxiginnaan namoota nagaa Xinnaa guddaa osoo hin jenne yeroo ammaa Jumlaan mana Hidhaatti naqee dararaa jira.

Haaluma kanaan godina Kibba lixa Shaggar aanaa Ammayyaa fi Bachoo keessatti ilmaan Oromoo gochaa isaanii malee guyyaa guyyaan mana hidhaatti guuramaa kan jiran yoo ta’u, namootni hedduunis manni murtii bilisaan gadi dhiisus waajjirri poolisii diduun gidirfamaa jiraachuu maddeen himan.

Aanaa Ammayyaa keessatti hidhaan daangaa darbe geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaas namoota gochaa Isaanii malee dararamaa jiran keessaa kan maqaa arganne Tazarraa Asaffaa, Abbuu Abbaa Buzuu, Namsoo Kumasaa, Guuttataa Xuruuraa, Geetaachoo Kaffaalee, Alamuu Abdiisaa, Surraa Dirribaa, Mulunaa Gaaddisaa, Zawudee Asaffaa, Miiftaa Abdallaa, Fiqaaduu Nagaasaa, Alamuu Indabuu, Tamam, Biraanuu, Asmaraa, Dullee Kadir, Galaanaa Siifuu, Sulxaan, Biraanuu Iddoollee, Dajanee Dirribaa fi Daani’eel Fiixumaa kanneen jedhaman ta’uu maddeen ibsaniiru.

Hidhamtoota kana keessaa baatii afurii fi isaa ol kan lakkoofsisan keessatti kan argaman ta’uu dubbachuun, hidhamtootni kunneenis rakkoo fayyaatiin walqabateenis miidhamaa jiraachuus dubbatu.

Namootni murna bilxiginnaa irraa aanaa Ammayyaa keessatti leenjii basaasummaa fudhachuun namoota nagaa Jumlaan mana Hidhaatti guursisaa jiran Leellisaa Kumaa itti aanaa bulchaa aanaa, Naggasoo Haacaaluu itti gaafatamaa waajjira nageenyaa, Muktaar Cimdii, Fayyeera Jambisaa, Baqqalaa Bokkolee, Zalaalem Asheetuu, Hayiluu Mirkanaa, Muraad shee Mohammed, Siilashii Bareechaa, Dachaasaa Gurmeessaa, Baqqalaa Magantaa, Geetaahuun Booggaalaa, Muraad Naggasoo, Masfiin Faajjii fi Adaanaa Lateeraa  waajjira galii keessa kan hojjatuudhas jechuun ibsaniiru.

Akkasumas aanaa Bachoo Magaalaa Tullu Boolloo keessatti hidhaan wal irraa hin cinnee fi guyyaa irra gara guyyaatti dabalaa jiraachuu jiraattotni dubbachuun namootni hedduunis balleessaa isaanii malee akka hidhaan dararamaa jiranis himu.

Namootni nagaan aanicha keessaa qabaman kunneenis B/saa Girmaa Caalaa fi Suuree Hangeessaa kanneen jedhaman jechuun, warrootni kun balleessaa qabaatanii osoo hin taane ijuma shakkiin ilaalamanii qabamanis jedhaniiru.

Leave a Reply