ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2023
Sarbamiinsi mirga namoomaa jabaatee Kan jiru Oromiyaa keessatti, namni Kam miseensa paartii badhaadhina hin ta’u taanaan nagaan ba’ee galuun itti ulfaachuun hiree mana hidhaa fi ajjeechaa isa eeggatuuf dhiphachuun namuu boqonnaa sammuu dhabuun xiinsammuu miidhamaa jira.
Baatiilee 1 oliif mana hidhaa keessatti hiraarfamaa kan jiran ilmaan Oromoo Baha Oromiyaa godina lixa Harargee aanaa Odaa Bultum, magaalaa Baddeessaa keessatti maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertuu fi isin Miseensota WBOti jedhuun hidhamanii haga hardhaatti qorannoo tokko malee dararaa argaa kan jiran yoo ta’u, namootni maqaan nu ga’es Abirahaam Hasan, Mohaammadoo Huseen, Nasiruu, Usmaa’el, Haannaa Huseen, Yusuufii fi Huseen kanneen jedhaman ta’uutu himame.
Aanaadhuma Odaa Bultum araddaa Saaqqataa Keessatti maqaa ilma keessantu miseensa WBOti jedhuun Sheekii Guutuu jedhamu jalaa manneen 20 ol kan barbadeessaniifi dabalataanis kaleessa Onkoloolessa 2, 2023 araddaa Odaa jedhamu Keessatti haadha tokko qabuun qawween doorsisuun dararaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

