ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023
Milishoonni Oromiyaa keessatti dhiigaa fi lafee ol adeemtotaa cabsaa osoo jiranii golee oromiyaa guututti ammoo kaadirootni murna PP caasaa milishootaa bobbaasan maqaa nageenya uummataa tikusu jedhuun olola oofaa qaamota barnoota hin qabnee fi maaliif akka hidhatan hin beekne kanaan namoota sammuun jajjabaa fi beekumsaan biyya ijaaruu danda’aan ajjeesuu fi hidhuun dararsiisaa jiru.
Bifuma kanaanis kaleessa Onkololessa 2, 2023 lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti olmaa hojii milishoota sirna bilxiginnaatiif jechuun hawaasa daa’imman irraa eegalee hanga namoota gurguddaatti baasuun qawween hojjechiisaa akka turanis himame.
Warreen lubbuu isaanii isiniif laateedha, biyya eegu jechuun milishoota hawaasa Oromoo ijaan argaa jibbaniif aangoo qabanitti fayyadamuun maatii ofiif dalagachuun of jiraachisan bifa akkanaan rakkisaa akka jiran maddeen dabaluun addeesaniiru.



