• Tue. Nov 24th, 2026

Mootummaan PP qaama ofii ittiin Uummata adabuuf ijaare (Faannoo) bobbaasuun Uummata Oromoo irraan gaaga’ama guddaa dhaqqabsiisaa jira!

Oct 4, 2023

SQ-Onkoloolessa 03, 2023

PPn Lola WBO fi Faannoo gidduutti siyaasa dalagaa jirti. Uummata Oromoo biratti WBO faannoo Uummata lolu irraa qolachuu dhiise jechuun holola WBO uummata oromoo biratti jibbisiisu dalagaa jira. Gama biraan WBOn PP cinaa goree faandoo waraana jechuun Faandoo fi deeggartoota ishee caasa PP keessa doorsisaa jiru.

Lolli Onkoloolessa 2 fi 3, 2023 shawaa kaaba gandoota aanaa darraatti deema jiru waan kana tolchee mul’isa. Lolli kun aanaa Darraa gandoota akka Gimbii Indaaqqoo, goda Caffee, Beenyuu, Kooluu, Sarar qullaa, qorroo fi ganda bulchiinsa magaala Saanash.

Faannoon Ganda Sarar qullaa fi lafa daangaa Marraabeete fi darraa gidduu jiru Ganda kooluti mooraa leenji qabdi.

Lola guddaa kaleessa gaggeeffameen gaaga’ama cimaan faannoo irra gaheera. Guyyaa har’aa jechuun Onkoloolessa 3, 2023 sirni Uummata Oromoof naasu hin qabne aanaa darraa lafa uummatni Oromoo hedduuminaan keessa jiraatu fi sodaa faannoo qabu WBOtu achi jira jechuun Ganda Jirruu Daadaatti marsaa lamaaf Dirooni darbate. Uummatni Oromoo nagaanis hedduu gaaga’aman. Ganda goda Caffee bakka addaa Baallaa jedhamutti mana uummata gubuuf faannoon dhuftes rasaasa jajjabee Zoonii giddu galaan akaawamtee duubatti deebite.

Walumaa galatti Sirni PP uummata Oromoof naasu hin qabne duula uummatatti baname irraa qolachuurra dirooniin haleela jira. Uummatni oromoo Uummata isaa sagalee dhabeef sagalee ta’uun dirqama.

Haala deemu jala buune quba sin qabsiifna

Leave a Reply