• Fri. Jan 2nd, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti maqaa ilmaan Keessantu WBO dha jedhuun jiraattota hidhaan dararaa jiraachuun himame 

Oct 9, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2023

Murni maqaa fi ilaalcha dabaa namoota nagaatti maxxansuun hiraarsuu aadeffate bilxiginnaan, namoota umurii daa’imummaa irraa kaasee hanga maanguddootaatti jiran gariin barnoota irraa qabuun isin WBOf galaa geessitu, daandii agarsiistuu fi  ilmaan keessantu miseensummaan keessatti hirmaataa jira jechuun hidhee dararaa jira.

Haaluma kanaan torbee darbee kaasee godina baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Hordaa Qawwisaa irraa sababa ijoollee keessantu miseensa WBOti jedhuun namootni maqaan isaanii Gammachuu Dhaabaa, Bareechaa Dhaabaa, Indaalee Bantii, Geetachoo Girmaa fi Gammachuu Tamasgeen jedhaman hidhamanii hiraarfamaa kan jiran yeroo ta’u, ganda Guddinaa irraa ammoo Kanneen hidhamanii jiran Hambisaa Nagarii, Margaa Gammadaa, Guddataa Atoomsaa, Tasammaa Hundee, Mitikkuu Waaqwayyaa, Dabalaa Godee fi Addunyaa Dinqaa ta’uu fi reebicha loltootni sirnichaa erga hidhaniin booda irratti raawwataniinis dhiibbaa qaamaa guddaan irra akka ga’uu Maddeen himan.

Dabalataanis torbeedhuma darbe Onkololeessa 1, 2023  aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Guddinaa irraa namoota baadiyyaa gara magaalaa bittaaf gurgurtaaf dhaqan kanneen maqaan isaanii Boodanaa Bultii, Dabalaa Mitikkuu, Beenyaa Margaa, Mayyanee Dabalaa, Gammachuu Dabalaa fi Dinqee Yaadee jedhaman hidhanii kan jiran yoo ta’u, itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa kan ta’e jaafaraa Tasammaa, itti gaafatamaa milishaa Dassaaleny Tasfaayee fi milishaan Taammiruu Tafarraa jedhamanis ilaalcha namootni kun hin qabne itti dhoobuun warreen adda durummaan hawaasa hidhanii dararaa jiran ta’uunis himame.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading