• Fri. Mar 13th, 2026

Gujii Lixaa aanaa Galaanaa keessatti Loltootni raayyaa ittisa impaayerattii Abbaa fi ilma bakka tokkotti ajjeesuun dhaga’aame 

Oct 9, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2023

Lola falma bilisummaatti xumura gochuuf gaggeessaa jiruun tarkaanfii laalessaa gootichi waraana bilisummaa Oromoo fudhachaa jirutti kan mufatan loltootni sirnichaa, miira ijaa baafannaatiin uummata nagaatti fuula deeffachuun ajjeechaa jumlaa uummata Oromoo irratti gaggeessaa jiru.

Bifuma kanaanis Haleellaa leencici waraana bilisummaa Oromoo godina Gujii lixaa aanaa Galaanaa ganda Calbeessaatti fudhateen kan rifatan loltootni raayyaa ittisa impaayerattii kaleessa jechuunis Onkoloolessa 8, 2023 Aanicha keessatti Abbaa fi ilma rasaasa itti roobsuun bakka tokkotti ajjeesuun beekame.

Abbaa fi ilmi gaaffii tokko malee waraana PPn ajjeefaman kunneen Burukkaa Hellattii fi ilma isaa Quubsaa Burukkaa kanneen jedhaman hoggaa ta’aan, Oromiyaa bakkoota hedduuttis miseensotni maatii tokkoo gara jabeenya waraana sirnichaan bifuma walfakkaatuun ajjeefamaa jiraachuus Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading