ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2023
Oromiyaa keessatti maatiin qabsaa’otaa sababa ilmaan isaaniif jecha ajjeefamaa, hidhamaa fi saamamaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, aanaa Cawwaaqaa keessattis maqaa ilmaan keessan akkasumas obbolaa keessantu WBOdha jedhuun namoonni hedduun dararamaa jiraachuu maddeen himan.
Haaluma kanaanis namootni maqaan isaanii Abdallaa Kamiilii fi Muzammil Ahimad jedhaman Onkoloolessa 3, 2023 Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Boolee jedhamu keessatti Obbolaa keessantu waraana waan ta’eef isaaniin dhiyeessaa jechuun milishootni reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda gara magaalaa akkasaan hin dhufneefis qoqqobbii irra kaa’uu dubbatan.
Dabalataanis aanaadhuma Cawwaaqaa ganda Boolee keessatti Buufati Fayyaa fi manni yaalaa dhuunfaa kaadiroota sirnichaan guutummaatti waan cufameef hawaasni bakka itti yaalamu dhabee rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu kan himan maddeen, Yaalaa dhuunfaa maqaan isaa Abdii Ammaara’uuf jedhamus mana yaalaa isaa kan ganda Bacanqee keessatti argamu jalaa cufuun gara aanaatti akka deebi’u kan taasisan yoo ta’u, bakka kanatti deebiteee hojii jalqabdee jennaan ammoo si ajjeefnas jedhanii itti dhaadachaa ka turanii fi hawaasni dhibee fayyaatiin hubamee rakkoo ulfaattu akka dhamdhamuufis karoora PPn saganteessee hojjechaa jiruudhas jedhan.


