ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2023
Seenaa bulchitoota abbootii irree Afirikaa akkasumas impaayera Itoophiyaa kaleessa darbanii keessatti mullatee kan hin beekne qe’een qotee bulaa ibiddaan gubachuun, bara bulchiinsa abbaa irree koloneel Abiy Ahimed keessa gocha baratamaa ta’aa jira.
Onkoloolessa 8, 2023 Godina Arsii aanaa Sirkaa ganda Solee Nageellee jedhamtu keessatti loltootni uummata nagaa hiraarsuuf bobbaafaman qe’ee Qotee bultoota hedduu ibiddaan gubanii barbadeessuun kan dhaga’aame yoo ta’u, Qonnaan bultoota qe’een isaanii gubate keessaas kan maqaan nu ga’e, Hullee Huseen, Said Huseen, Sulxaan Huseen, Abdulsalaam Huseen, Abdulhaakiim Huseen, Muhaammadnagaash Huseen, Aadde Zaaraa Mohamed, Adde Amiinaa Mohaammed, Muhamed huseen amino, Amiin umaar, Huseen Isma’iloo, Kadiir Amano, Abdulqaadiir Abdoo, Umaar Hasee, Idiriis Abdoo, Saxinoo Abdoo fi Abduramaan kanneen jedhaman ta’uu maddeen himan.
Akka maddeen jedhanitti namoota maqaan isaanii tarreeffame kana malee qe’een qotee bultoota hedduu gubatee kan barbadaa’e yoo ta’u, tarkaanfii gara jabeenyaa loltootni sirnichaa uummata nagaa irratti fudhataa jiraniin hojiin oomishaa fi oomishitummaa aanicha keessatti gaggeeffamu qotee bultoota harkatti laafee jiraachuus himan.


