• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa keessaa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuun beekame

Oct 10, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2023

Ilmaan Oromoo akeekaa fi sagantaa PP jala hiriiruun barcuma aangoo siyaasa impaayerattii tiksuuf qawwee baatanii asiif achi ergamaa turan, sirnichatti dammaquun mooraa diinaa keessaa miliqanii gara qabsoo bilisummaa Oromootti makamuu jabeessanii itti fufan.

Oduuma kanaanis Onkoloolessa 7, 2023 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokkoo fi Onkoloolessa 8, 2023 miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama walumaa galatti loltootni 3 Gujii lixaa aanaa Galaanaa keessaa sirnicha ganuun Waraana bilisummaa Oromoo naannoo sana jirutti harka kennatan.

Waraanni mooraa diinaa keessaa miliqan kunneen gama meeshaatiin Qawwee AKM dachaatu 2, Turkii 2 fi hidhannoo 3 fuudhanii ba’uun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo kan ittiin gabbisan yoo ta’u, Ilmaan Oromoo beektaniis ta’e wallaalummaan sirnicha utubuuf aarsaa kaffalaa jirtan humnaa fi dandeettii keessan WBO waliin hiriiraatii uummata keessaniif oolchaa jechuunis dhaamsa isaanii dabarfatan.

Leave a Reply