ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2023
Biltsiginnaan kaadiroota garaa isaaniif jecha ilma namaa irratti daba gurguddaa dalaguu danda’aan godinootaa fi aanota Oromiyaa keessatti bobbaasee gulantaa hojii gurguddaa irra kaa’uun gochoota ciiggaasisoo ilmi namaa dalaguun ulfaatu uummata Oromoo irratti raawwachiisaa jira.
Haaluma kanaanis godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo Araddaa Torbayyoo ganda Balaadii keessatti bulchaan araddaa Torbayyoo fi Kaabineen aanaa Mi’eessoo namoota 17 fuula hawaasaa duratti baasuun maqaa Caasaa WBOti, Wajjin hojjetu, haala mijeessuuf, akkasumas immoo mi’oota garaa garaa dhiyeessuuf jedhuun Rifeensa gogaa irraa haaduu maddeen dubbatan.
Godinoota Harargee lamaan keessatti hiraarsi, saamichaa fi ajjeechaa PPn uummata nagaa irratti raawwachaa jiru yaaddessaa ta’uu kan himan jiraattotni, kaabinootaa fi milishootni garaa isaanii guuttachuuf carraaqaa jiran sabboontota ilmaan Oromoo akkasumas hawaasa nagaa adamsanii qe’ee namoota hedduus bo’ichaaf saaxilaa jirus jedhan.


