ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2023
Ajjeechaan namoota nagaa irratti Oromiyaa keessatti bifa suukanneessaan raawwatamaa jiru ija addunyaa jalaa dhokachuun namootni nagaan gochaa isaanii malee impaayera Itoophiyaa keessatti Oromoon haala fokkisaan ajjeefamaa jiru.
Ajjeesuu akka moo’ichaatti kan fudhatan hidhattootni garee faashistii PP, lafa socho’an cufatti ilmaan haadha hiyyeessaa gaaffii tokko malee akka baala harcaasaa kan jiran yoo ta’u, uummatni godina Horroo Guduruu Wallaggaa erga waggaa shanii asii kaasee finxaaleyyii Amaaraa fi hidhattoota Kolonel Abiy Ahimediin lafa irraa duguugamaa jiru.
Haaluma kanaan aanaan Guduruu godinicha keessaa tokko yeroo taatu ajjeechaan daangaa hin qabne hidhattoota garee lameeniin irratti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, dheengadda Onkoloolessa 8, 2023 namoota maqaan isaanii Dawoo Fiqaaduu, Girshaa Giddumaa, Guddisaa Filee, Mootii Guddisaa, Yaadoo Guddisaa, Dabbee Wayyumaa fi maanguddoo Alamuu jedhaman haala suukanneessaan bakka addaa Baaroo fi Ulaa jedhamutti ajjeefamaniiru jedhu jiraattootni.
Namootni ajjeefaman kunneen meeshaa gurguddaa kanneen akka drone, Mortera fi ZU -23 fayyadamuun manneen namootaa irratti gad dhiisuun akka ajjeefamanii fi namootni ajjeefaman kunneenis mana isaanii keessatti akka ajjeefamantu himama.
Hawaasni nagaan ajjeefaman kunneen gara 30 olii kan ta’an yoo ta’u, jala buunee akkuma maqaa isaanii arganneen kan isin biraan geenyu ta’a.
Oduuma ajjeechaan walqabatuun Abaaboo Guduruu magaalaa Daduu keessattis Onkoloolessa 7 fi 8, 2023 walitti fufiinsaan drone dabalatee meeshaalee waraanaa gurguddaa uummata nagaa irratti darbatameen namni hedduun kan dhuman yoo ta’u, namoota hedduu jalaas qabeenyi isaanii barbadaa’eera.
Akka jiraattotni aanota kanneenii jedhanittis uummata nagaa irratti meeshaalee gurguddaa kana darbachuun isaa uummaticha lafa irraa duguuguuf karoorfatamee hojjatamaa waan jiruudhas jedhan.


