ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2023
Loltootni impaayera Itoophiyaa akeekaa fi eenyuuf akka bobba’aan hin beekne hawaasa hiraarsuu fi haaloo itti ba’uuf jecha yeroo lolli karaa waraana bilisummaa Oromoo irratti geggeefamu isaan ammoo of duuba galagaluun namoota nagaatti fuula deeffatanii ajjeechaa raawwachuun deddeebiin muldhachaa jira.
Bifuma kanaanis dheengadda Onkoloolessa 8, 2023 godina baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa maqii keessatti gootichi waraana bilisummaa Oromoo tarkaanfii humna diina waraana bilxiginnaa irratti halkan sa’aa 2:30 irraa eegaluun lola sa’a 2 olii geggeesseen humnoota PP hedduu ajjeesuun walqabatee namootni nagaan lama bifa haaloo ba’umsaatiin loltoota sirnichaan ajjeefamuu odeessi nu qaqqabe ni addeessa.
Taateen haaloo ba’umsaa deddeebiin Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru loltootni bilxiginnaa haleellaa WBOn irratti fudhatu Jala dhaabbachuu dadhabuu fi jibbiinsa isaan Oromummaaf qaban mullisa jedhu jiraattoni ona Dugdaa magaalaa Maqii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise.




