ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2023
Saamichi hidhattoota garee maafi’aa PPn hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiru yeroo ammaa Oromiyaa keessatti jabaachaa dhufuun, hidhattootni maqaa nageenya uummataa eeguu jedhuun bobbaafaman kunneen akkuma sirnoota darbanii uummaticha diinagdeen kuffisuuf halkaniif guyyaa gaaffii tokko malee hawaasa saamaa jiru.
Haaluma kanaan Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Kuree Geebii bakka addaa Walloo Corriftuu jedhamutti Onkoloolessa 7, 2023 hidhattootni sirnichaa magaalaa Dambi Dolloo irra ba’uun gandicha keessatti nama lama maqaan isaanii Misgaan Shaambal Amaaree fi Seyid Ayyaaloo Mollaa jedhaman jalaa qorichoota saamuun, isaan irrattis reebicha ulfaataa erga raawwataniin booda mana hidhaa magaalaa Dambi Dollootti geessanii hidhuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namootni hidhamanii fi qabeenyi isaanii saamame kunneen namoota dunkaana daldalaa qabanii fi hojii qonnaan jiraatan yoo ta’u, murni bilxiginnaa diinagdee isaan harkatti kufe wayyeeffachuuf jecha hawaasa nagaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun saamaa jiraachuus jiraattotni dubbatu.



