• Tue. Nov 24th, 2026

Aanaa Qondaalaa keessatti Waraanni PP barsiisaa tokko ajjeessuun abbaa qabeenyaa tokkos ukkaamsuun fuudhanii deemuun dhaga’aame 

Oct 11, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2023

Goolaaminsi Oromiyaa keessatti waraanaa fi  qondaaltota bilxiginnaan geggeefamaa jiru yeroo ammaa haalaan jabaachuun hawaasni  nagaa hedduun gochaa isaanii malee ajjeefamaa fi hidhaan gidirfamaa jiru.

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Carphaa jedhamu keessatti Onkoloolessa 10, 2023 Waraanni goolessaa PP magaalaa Qondaalaa irraa gara ganda sanaatti sochii taasisuun barsiisaa Wandimmuu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessanii biraa deeman jedhu jiraattootni.

Akkasuma gandicha keessatti nama siyaasa irraa bilisa ta’ee fi hojii irratti xiyyeeffachuun dalagaa isaa dalagataa jiru abbaa qabeenyaa kan ta’e nama maqaan isaa Alamayyoo jedhamus ukkaamsuun fudhanii akka deeman jiraattonni dubbatan.

Barsiisaa qaraa dhaloota qubee irratti xiyeeffachuun irra deddeebiin bakkeewwan hedduutti ilaalcha waraana bilisummaa Oromoon yakkuun ajjeessaa akka jiran gabaasa keenya irratti mul’achaa Kan jiru yoo ta’u abbootni qabeenyaa Oromiyaa keessatti hiraarfamni itti hedduumatee jiraachuunis ni beekama.

Leave a Reply