ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2023
Guyyaa kabajamaa ayyaana irreechaaf namnuu akka golee Oromiyaatti deemee waaqa uumaa fi uumamaa galateeffachuun rakkoo keessa darbe hundaaf araara jechaa isa dhufuufis nagaan akka jiraatuuf waaqa Kan galateeffatu, garuu dhaloonni yeroo ammaa Oromumaa isaanii qofaaf daangaan biyya abbaa isaanii irratti itti tolfamuun namnuu manaa nagaan ba’ee galuun rakkoo ulfaataa itti ta’ee jira.
Haaluma kanaanis Onkololessa 6, 2023 jiraattota godina Arsii aanaa Doddootaa magaalaa Dheeraa irraa gara magaalaa Finfinnee ayyaanaaf deeman poolisonni magaalaa Finfinnee badii osoo hin qabaatin namoota 7 Kan maqaan isaanii Mohammed Hajii, Gannaa Huseen, Mohammed Leencoo, Furoo Tunaa, Saadaam Hajii, Yaasin Gannaa fi Nafiisaa Gannaa Kan jedhaman kabaja ayyaana irreechaaf namoota maatii biraa deeman hidhuun hiraarsaa akka jiranis ifoomeera.
Hidhamtonni kunneen hanga ammaatti nama isaaniif birmatu dhabuun rakkoo ulfaataa hedduu argaa akka jiranii fi maatiin isaanii arguuf haalli fageenya lafaa hedduu wanta rakkisuuf gargaarsa dhabuun rakkooleen hedduunis mudachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.













