ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2023
Rakkoon impaayyera Itoopiyaa keessatti dhalatee jiruu gaanfa Afirikaaf yaaddoo uumee Kan jiru sabni Oromoo jaarraa sirni Gadaa isaa cabee kaasee hireen isaa du’aa fi jiruun isaa hiraarfama ta’ee guyyuu mul’ata
Haaluma kanaanis Onkololessa 8, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Birboo keessatti Waraanni maafi’aa PP barsiisota ganda sanaa 3 balleessaa tokko malee reebuun qe’ee isaanii keessaas fudhanii dhabamsiisuun hanga ammaatti maalirrra akka jiran hin beekamiin jiraachuutu himame
Barsiisonni ganda Birboo keessaa qabamuun yeroo ammaa dhabamanii jiran maqaan isaanii barsiisaa Dassaalee, barsiisaa Darajjee Abbabaa fi Barsiisaa Dassaalee Baqqaalaa kanneen jedhaman namoota siyaasa keessaa homaa hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa qaban badii malee gochi kun irratti akka raawatames maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.




