ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2023
Ogeessotni fayyaa Ogummaa qabaniin hawaasa akka hin tajaajille Oromiyaa bakkoota garaa garaatti qoricha irraa kutuun bakkoota kaanitti ammoo miseensota WBO yaaltani jechuun sababoota soba ta’an itti maxxansuun hidhanii dararaa jiru.
Haaluma kanaan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti ogeessota fayyaa sabboonummaa qaban gandoota hundarraa magaalaa Haratootti waamuun qorannaa gaggeessaa erga turaniin booda namoota 2 WBO yaalaa turtan jechuun mana hidhaa magaalaa Haratoo keessatti hidhanii akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru.
Onkoloolessa 11, 2023 aanaa Jimmaa Gannaatii ganda Guddattuu Gannatii irraa ogeessota gara magaalaa Haratootti waamamanii turan keessaa Shallamaa Hayiluu fi Yashii Tashoomaa gochaa isaanii malee achuma magaalaa Haratoo keessatti hambisuun hidhanii jiru.


