• Fri. Mar 13th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti maqaa sakkattaa WBO jedhuun miidhaa qaqqabsiisuu itti fufan

Oct 14, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2023

Gareen goolessaa PP maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon hawaasa keessaa baasa jedhuun loltoota isaaf amanamoo ta’an bobbaasee uummata godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo gandoota adda addaa irraan miidhaa ga’aa jira.

Kaleessa Onkoloolessa 13, 2023 loltootni Abiy Ahimed magaalaa Muggii irraa ka’uun daandii ganda Heenecheen bakkee Bunneef jedhamu qaxxamuruun gara Garjeedaatti imalaa turan irratti daandii irraa qabeenya saamaa fi midhaan namootaa barbadeessaa turan.

Guyyuma kaleessaa gareen waraana  bilxiginnaa magaalaa Seertumii irraa bakka Xooxxii jedhamuu fi ganda Waabaatti bobbaa’anis namoota saamaa fi maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon doorsisaa turaniiru.

Waraanni garee maafi’aa PP kutaa waraanaa 36ffaan yeroo sakatta’iinsa taasisan kana keessatti baatii darbe Fulbaana 24/2023 aanuma Anfilloo ganda Yattii ykn Yaadannoo jedhamuun beekamtutti namoota nagaa abbootii qe’ee ta’an kanneen siyaasa kam iyyuu keessaa quba hin qabne bakka isaan taa’aa jiranitti yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun kaan yeroo ajjeessan kaan ammoo garmalee madeessuun hospitaala jiru.

Kanneen lubbuun darban keesssaa obbo Dassaaleny Yoonaas abbaa ijoollee shanii, obbo Gaaromaa Barkeessaa abbaa ijoollee torbaa, obbo Ifaa Baqqalaa abbaa ijoollee 4 yoo ta’an, kanneen miidhaman ammoo Amaanu’el Waaqjiraa, Iddoosaa Waaqjiraa fi  obbo Gammachuu Taammiruuti.

Guyyaa sana walumaagalatti namoota 7 irraan miidhaa yoo geessisan, ganda Seertumii ganda Tokkummaa keessatti abbaa maatii Waasee Chokkol jedhamu ajjeessuun, ganda Dawoo Toobbii keessaa ammoo loon, re’ee, hoolaa fi buna fe’achuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading