• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Dandii, Ejersaa Lafoo fi Ejeree keessatti namoonni nagaan ajjeefamuu fi  hidhamuun beekame 

Oct 15, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2023

Sirnoonni dhufaa darbaan jiraachuu Oromoo hin feene, akkasuma dachee Oromiyaa irraa uummata Oromoo buqqisanii dachittii saamuu barbaadan, dhaalmaa abboota darban irraa dhaalaniin har’as dachee abbaa isaa irratti hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun ilmaan Oromoo guyyaa guyyaan ajjeefamaa oolu.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaalee akka Dandii, Ejersaa Lafoo fi Ejeree keessatti hidhattoota garee maafi’aa PP’n ajjeechaa dabalatee hidhaan hidhattoota sirnichaan raawwatameera.

Aanaa Dandii ganda Qabaa Bareedaa keessatti qonnaan bulaa siyaasa irraa bilisa ta’e abbaa maatii lamaa Tasfaayee Koorsaa jedhamu osoo inni qe’ee isaa keessatti dallaa ijaarachaa jiruu gaafa Onkoloolessa 11, 2023 ija maatii isaa duratti rasaasa itti roobsuun ajjeessuu jiraattootni dubbatan.

Akkasuma aanaa Ejersaa Lafoo ganda Daannisa Xanqoo jedhamu keessattis dargaggoo maqaan isaa Mulee Abbabaa jedhamu sobanii ati deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun gaafa Onkoloolessa 10, 2023 rasaasaan tumanii ajjeessan jedhu.

Itti dabaluunis aanaa Ejeree ganda Gorbaa jedhamu keessatti nama maqaan isaa Garbee Caalaa jedhamu abbaa maatii lamaa  ajjeessuun, namoota sadii kan  maqaan isaanii adda hin baane bataskaana Goorgisii jedhamutti boolla ofuma keessanii qotadhaa jechuun keessatti ajjeessanii awwaaluu ibsuun, nama maqaan isaa Galaanaa Silashii jedhamu bulchaa ganda Gorbaa kan ta’e deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun Waajjira poolisii magaalaa Ejereetti hidhanii dararaa jirus jedhan.

Akkasuma aanaan Jalduu karaa ganda Qorichaa Dheeraa kan  aanaa Ejereen wal quunnamu yoo ta’u kaabinoonni aanaa Ejeree uummata ganda Qoricha Dheeraa kanaan akka gabaa aanaa keenyaa hin dhufne, isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun uummata gandaan addaan qoodaa jirus jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading