• Tue. Jan 13th, 2026

Israa’el naannoo daangaa Libaanositti taankii yoo  bobbaaftu, Puutiin dhimma Wal waraansa geggeeffamaa jiru irratti biyyoota naannichaa waliin mari’achuun barame

Oct 17, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2023

Akka CGTN.com dubbisiisetti Taankoonni Israa’el waldhabdee dabalaa dhufe keessatti daangaa Libaanos irratti buufataniiru.

Loltoonni Hizbullah Libaanos keessa socho’an dheengadda Onkoloolessa 15 buufata waraana Israa’elii fi ganda daangaa kaabaa irratti haleellaa kan jalqaban yoo ta’u, Israa’el Libaanos keessatti haleellaa raawwachuudhaan haaloo ba’uu ishee kan ibsame  yoo ta’u, waldhabdee kanaan  nagaa eegsitoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walitti bu’iinsi daangaa hammaataa akka jiru akeekkachiisuu CGTN.com gabaasera.

Raashiyaa Puutiin Iraan, Israa’el, Falasxiinota, Sooriyaa fi Masrii waliin dubbachuu aol.com gabaase.

Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin dhimma ho’aa Baha Giddu Galeessaa keessa seenuun, waraana Israa’elii fi Hamaas gidduutti dhukaasa dhaabuu mirkaneessuuf yaaliin taasisuuf Iraanii fi humnoota Arabaa adda duree ta’an dabalatee taphattoota gurguddoo naannichaa shan waliin haasa’aniiru.

Iraan, Hamaas, humnoota Arabaa gurguddoo akkasumas Falasxiinotaa fi Israa’el waliin hariiroo kan qabdu Raashiyaan, Ameerikaa fi biyyoonni dhihaa daangaa bara 1967 keessatti mootummaa walaba Falasxiin barbaachisu tuffataniiru jechuun irra deddeebitee dubbatteetti.

Puutiin maree Wiixata kaleessaa Onkoloolessa 16, 2023 preezdaantii Iraan Ibrahim Raayisii fi preezdaantii Siiriyaa Bashar Al-Asad waliin bilbilaan akka dubbatan beekameera. Pireezidaantii Masrii Abdel Fattaah Al-Siisii, Abbaas fi Muummicha ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliinis haasa’uuf karoorfachuu isaa beeksiseera.

Itti aanaan ministeera haajaa alaa Raashiyaa Sargee Riyaabkov haalli kun hammaataa akka ta’ee fi tarkaanfiin waraana Israa’el “namoota adda kan hin baasne” ta’uu fi balaan jiru Israa’el Gaazaa irratti duula lafa irraa jalqabuu akka ta’e Puutiinitti himaniiru.

Biyyoonni dhihaa Yukireen deeggaruun Raashiyaa addaan baasuuf yaalaa jiru kan jedhan Puutiin, jeequmsi amma Baha Giddu Galeessaa keessatti mul’achaa jiru imaammanni U.S. naannicha keessatti hammam akka fashalaa’e agarsiisa jedhu.

Puutiin guyyaa har’aa  Chaayinaa keessatti  Jinping waliin kan wal argan yoo ta’u, kunis walta’iinsa dorgomtoota tarsiimoo Ameerikaa gurguddoo lamaan gidduutti uumame gadi fageessuuf kan hojjetamu ta’a.

Raashiyaa fi Chaayinaan lamaan isaanii iyyuu miseensota dhaabbataa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yoo ta’an, dhimmi bu’uuraa wiirtuu waldhabdee kanaa kan ta’e Falasxiinotni haqa dhabuudha jechuun aol.com dubbisiisera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading