• Sun. Mar 15th, 2026

Miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa irraa WBOtti makame

Oct 17, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo humnaan qabee leenjii kennuufiin barcuma siyaasa isaa tikfachuuf lolatti bobbaasee lubbuu isaanii galaafachaa kan jiru yoo ta’u, miseensotni waraana bilxiginnaa akeeka bilxiginnaa kanaaf bobbaafaman adeemsicha jibbuun sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiru.

Haala kanaanis kaleessa Onkoloolessa 16, 2023 godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa bulchiinsa magaalaa Adaadii irraa miseensi waraana Abiy Ahimed tokko qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti makamee jira.

Miseensi waraana bilxiginnaa kun qawwee AKM Turkii 1, rasaasaa fi boombii mooraa diinaa keessaa baasuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo godina Gujii bahaa keessa socho’utti kan makame yoo ta’u, ilmaan Oromoo achitti hafanis faana isaa hordofuun akka dhufan dhaamsa dabarseefii jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading