ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2023
Waraanni goolessaan PP Oromiyaa keessatti sarbamiinsa mirga namoomaa cabsuun ajjeechaa seer malee raawwachaa kan jiranii fi saamichi daangaa hin qabnes hawaasa nagaa irratti guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa kan jiruu fi namootni kuma dhibbootaan lakkaa’amanis qabeenyi isaanii saamamuun yeroo ammaa harka namaa ilaaluf dirqamaniiru.
Haaluma kanaan ajjeechaa fi saamichi hidhattoota Kolonel Abiy Ahimed uummata nagaatti bobbaaseen raawwatame kun Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Gaara Kormaa jedhamtu keessatti qotee bulaa maqaan isaa Kamaal Abduu jedhamu haala suukanneessaan mana isaatii waamuun iddoo Waragoo jedhamutti ajjeesuu jiraattotni dubbatan.
Gareen saamtotaa kunneen qotee bultoota hedduu jalaas gandichuma keessatti saawwan lakkoofsaan 60 ol ta’aan saamanii deemuun magaalaa Qellemittii fudhatanii galuun himame.
Gandicha keessatti yeroo hedduu irra deddeebiin ajjeechaa fi saamichi qabeenyaa hawaasa nagaa irratti raawwatamaa turuu gabaasun keenya ni yaadatama.

