• Tue. Nov 24th, 2026

Ameerikaan Chaayinaan meeshaa waraanaa niwukilaraa haalaan babal’ifteetti jette

Oct 20, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2023

Gabaasa BBCn maxxanfame akka ibsutti  Ameerikaan Chaayinaan waggaa darbe keessa kuufama niwukilaraa ishee haalaan babal’iftee akka jirtu ibsuun, kan amma hojii irra jiru gara 500 qabdi jette.

Gabaasni waggaa Peentaagoon ba’e akka jedhetti Beejiing bara 2030tti meeshaa waraanaa ishee dachaa lamaan meeshaalee waraanaa ijoo 1,000 ol qabaachuu akka dandeessu tilmaameera.

Garuu Chaayinaan imaammata ”jalqaba haleeluu dhiisuu” Nò first strike” jedhu hojii irraa oolchuuf kutannoo qabachuu ishee ibseera.

Gabaasni kun akka  tilmaametti kuufamni Chaayinaa ammallee Raashiyaa fi Ameerikaan gadi akka ta’e ibsa.

Raashiyaan meeshaa waraanaa niwukilaraa gara 5,889 kan qabdu yoo ta’u, US ammoo 5,244 dirree galchuu akka dandeessu Dhaabbanni Walabaa Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Istookhoolm ibseera.

Bara 2021 Ministeerri Ittisaa, Chaayinaa mataa waraanaa naannoo 400 akka qabdu tilmaameera.

“Bakka Chaayinaan gara fuulduraatti deeman fakkaatanii turan irraa ka’uu guddoo yaada dhiheessuuf hin yaallu, garuu tilmaama kanaan duraa sana caaluuf daandii irra akka jiran yaada dhiheessaa jirra,” jechuun qondaalli olaanaa ittisa Ameerikaa tokko Kamisa darbee gaazexeessitootatti himaniiru.

Pireezidaant Shiin Chaayinaan bara 2049tti ”waraana sadarkaa addunyaatti cimaa ta’e akka diriirsite labsaniiru. Erga bara 2012 gara aangootti dhufanii as humna waraanaa biyyattii ammayyeessuuf carraaqaa turan.

Gabaasni Peentaagoon Kamisa darbe baase akka jedhetti Chaayinaan amma meeshaa waraanaa niwukilaraa ishee guddisuuf taasiftu ”yaalii kanaan duraa guddinaa fi walxaxiinsaan taasifte xiqqeessuuf” jedha.

Qondaaltonni Ameerikaa akka jedhanitti, Beejiing bara 2022tti ijaarsa iddoo kilaastara misaa’elaa  haaraa sadii  xumuruu hin oolle jedhu.

Dirreewwan kunneenis yoo xiqqaate Intercontinental Ballistic Missile (ICBM) haaraan 300 kan hammatan fi fageenya Kiiloomeetira 5,500 irratti haleeluu ta’uu gabaasichi ni mul’isa.

Roobii darbe Waashingitoon sochii humni qilleensaa Chaayinaa bakka balalii bilisaa Paacific irratti xuxxuqaa balans geessisan xiyyaarota Ameerikaa irratti raawwatan kan komatan yoo ga’u, Beejing Raashiyaa fi biyyoota biroo haammachuun Ameerikaa dadhabsiisuuf hojjechaa akka jirtu gabaasa dheeraa BBCn dubbisee irraa hubachuun ni danda’aama.

Leave a Reply