• Wed. Nov 29th, 2023

Lixa Shaggar aanaa Ilfaataatti namootni nagaan hidhattoota garee maafi’aa PPn ajjeefamuu fi madaa’uun beekame

Oct 20, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2023

Ilaalcha Oromoo lafa irraa duguuguu karoorfatanii hojjechaa kan jiran murni faashistii PP namoota nagaa siyaasa hin beekne waraana bilisummaa Oromoo deggertuu fi nyaachistu jechuun qawwee harkaa qabanitti fayyadamuun namoota meesha maleeyyii jumlaan ajjeesaa oolu.

Uummata nagaa ajjeesanii jiilchuu fi siyaasa caalanii bulchuu warreen barbaadan kunneen akkuma golee Oromiyaa mara keessatti ajjeechaa jumlaa raawwachaa jiran, lixa shaggar aanaa Ilfaataa ganda Sandii fi Dirree Qiccee jedhamuttis  namootni nagaan maanguddoo dabalatee ajjeefamuufi madaa’uun beekame.

Ganda Sandii keessatti namoonni ollaa tokko keessaa ajjeefaman Misgaanaa Hinjiguu, Nuurasaa Biraanuu, Kumalaa Atoomsaa,  Jifaaraa Gammachuu,  Shakuulaa Jifaaraa fi Alaminaa Kumalaa kanneen jedhaman haala sukkanneessaan qe’ee abbaa isaanii keessatti ajjeefamaniiru.

Akkasuma ganda Dirree Giccee keessattis boombii namoota nagaa irratti darbatameen namoonni kudha sadii ol madaa’aniiru.

Namootni mada’aan kunneenis Tasfaayee Dagaabaasa, Kabbabaa Waaqumaa, Shannon beekaa, Saamu’el Beekaa, Arfaasee Damisee, Bantii Daandanaa, Eeliyaas Adaanaa, Caaluma Atoomaa, Gammadaa Kumalaa, Jaalataa Kabbabaa, Ayyaansaa Nagaroo, Bareechaa Abdataa fi Simaa Beekaa, kanneen jedhaman qe’ee isaanii keessatti boombii hidhattoota sirnichaan irratti darbatameen kanneen madaa’aniidha.

Gandoota sana keessatti ajjeechaa bira darbee doorsisni hidhattoota kanaan hawaasa nagaa irratti akka raawwachaa jiru jiraattotni dubbachuun qe’ee isaanii gad dhiisanii deemufis dirqamanii jiraachuus dubbatu.

Leave a Reply