ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2023
Gabaasa basaasaa Ameerikaa ibsame irraa, Reuters fi CNN akka ilaalanitti, haleellaa torban kana Hospitaala al-Ahli Arab Gaazaa irratti raawwatameen lakkoofsi namoota du’anii 100 hanga 300 ta’uu hin oolu jechuun Aljezeeraan dubbisiiseera.
Qondaaltonni Gaazaa akka jedhanitti haleellaa qilleensaa Israa’el hospitaalicha irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 471 du’aniiru jedhan.
Haleellaa kana Israa’el harka keessaa akka hin qabne kan haalte yoo ta’u, dho’iinsi kun furguggifama rookkeettii Jihaadistoota Falasxiin fashalaa’e irraan uumame jechuun ishee ni beekama.
Haleellaan Israa’el naannoo Gaazaatti taasistu kan itti fufe yoo ta’u guyyuma kaleessaa Onkoloolessa 19, 2023 haleellaa naannoo West Bank tti raawwatameen yoo xiqqaate lammiileen Faalasxiin 7 ajjeefamuu Aljezeeraan ibseera.
Gama gargaarsa namoomaan itti gaafatamaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adaanoom konkolaattootni meeshaalee gargaarsa baatan gara Gaazaatti deemsaaf qophii ta’uu kaasuun, Jimaata har’aa namoota ni qaqqaba jechuun abdii qaban ifoomsaniiru.
