ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2023
Impaayera Itoophiyaa keessatti ilmaan Oromoo mirga lubbuun jiraachuu dhabuun akkasuma lafa socho’an cufatti maqaa ati ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun barataanillee osoo hin hafne mana hidhaatti guuruun gochaa isaanii malee hiraarsaa jiru.
Haaluma kanaan barattoonni lama maqaan isaanii Boonsaa Dammallaash fi Milkii Tasfaayee jedhaman kan bakki dhaloota isaanii Horroo Guduruu Wallaggaa ta’e, barattoota Yuunivarsiitii Amboo Mooraa Haacaaluu Hundeessaatti baratan yoo ta’aan, dheengadda galgala Onkoloolessa 19, 2023 maqaa waraaana bilisummaa Oromoo itti maxxansuun hidhattootni garee maafi’aa PP qabanii akka hidhantu dubbatama.
Barattoonni kunneenis galgala toora sa’a tokkoo irratti kaardii bilbilaa bitachuu wayita ba’aanitti hidhattootni kunneen eessaa deemtu, bilbila keessan fidaa jedhanii bilbila isaanii erga irraa fuudhaniin booda isin seelii waraana bilisummaa Oromooti jechuun qabanii hidhuu maddeen moorichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Barattootni kunneenis barumsa isaanii malee siyaasa kan hin beekne ta’uu maddeen dabaluun dubbachuun sirnichi dabballoota isaaniif amanamoo ta’aan mooraa keessatti basaasummaaf bobbaasuun ijoollee dhalootaan lixa Oromiyaa ta’aan hordofuun hidhuu irratti argamus jedhe.



