• Wed. Nov 25th, 2026

Kibba Oromiyaa Godina Booranaa Aanaalee hunda keessatti dabballoonni PP maqaa gara garaa moggaasuun uummata saamuu itti fufan

Oct 21, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2023

Faayidaa uummataaf akka dhaabbatanitti kan of himan ergamtoonni PP, sirnicha dandamachiisuuf maqaa gara garaan uummata saamaa akka jiran jiraattotni godinichaa dubbatu.

Akka jiraattotni jedhanitti armaan dura maqaa inshuraansii fayyaatiin qarshii 1,100 dirqamaan nama cufarraa guuraa akka turaniifi, yoo isin dhukkube tola yaalamtu jechuun garuu yoo namni dhukkubsatee isaan bira deemu, qorsa/qoricha akkanaa asii hin qabnu waan ta’eef deemaa alaa bitadhaa jechuun baasii biraaf nu saaxilaa jirus jedhaniiru.

Yeroo ammaa kanatti ammoo maqaa Save net jedhu moggaasuun namni tokko qarshii 960 dirqamaan kaffaluu akka qabu labsuun nama ofirraa kaffalachuu dadhabe mana hidhaatti guuraa akka jiranis dabalanii dubbataniiru.

Namni horii gurgurachuuf yoo gara gabaa geesse, gatii kottee jechuun magaaluma keenya irratti horii keenyatti kaffalaa jirra kan jedhan jiraattonni, horii nuti gabaa geeffanne gurguramus, gurguramuu baatus, re’ee tokkotti 170, loon tokkotti 300 akkasumas gaala tokkotti 500 baasaa jirras jedhaniiru.

Waan takkaa argineefi dhageenyee hin beeknetu nutti dhufe kan jedhan jiraattonni, mootummaan kun ofii isaa jiraachisuuf malee faayidaa hawaasichaaf homaa hojjetaa hin jirus jedhaniiru.

Leave a Reply