• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum keessatti namootni waraana PPn hidhamuun lafti jalaa gurguramee rakkoof saaxilamuu  Maddeen himan

Oct 21, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2023

Hawaasni Oromoo jireenyi isaa gadadoo itti ta’uun, abbaan ilmaanii lafa isaa irraa abboota irreetiin ari’atamuun gidiraa jireenyaa argaa, qe’eef qabeenya isaa eega dhabeen booda ammoo mirga lubbuun jiraachuu mulqamuun akka ilma bineensaatti ajjeefamaa, qabamee hidhamees hiraarfamaa jira.

Haaluma kanaanis godina Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum araddaa 33 jedhamu keessaa jiraattota maqaan isaanii Abdallaa Siree, Abdallaa Hayimad fi Bakaree jedhaman dabalatee namootni hedduun ji’a Eblaa keessaa humnoota Impaayera Itoophiyaa bulchaa jiraniin buqqa’aanii hanga ammaatti rakkachaa jiraachuutu himama.

Sababni qe’ee isaanii irraa buqqifamuu isaanii hanga ammaatti ifa Kan hin taane yoo ta’u, yeroo ammaas maatiin addaan faca’uun beenyaan tokko osoo hin kennaminiifis rakkoo ulfaataaf saaxilamuun, qe’een isaanii akka golgolaa’ee fi namoonni gariin ammoo lubbuun jiraachuun isaaniyyuu hin beekamu jechuun Maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading