• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu keessatti manneen barnootaa fi buufataaleen fayyaa kaampii waraana PP ta’uun hojii idilee dhaabuu jiraattotni dubbatan

Oct 21, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2023

Dhaabbilee tajaajila hawaasaa gara tajaajila waraanaatti deebisuun, hawaasni mootummaa irraa tajaajila kamuu akka hin arganne taasisanii kan jiran murni PP, godina Horro Guduruu Wallaggaa keessatti manneen barnootaafi buufataalee fayyaa keessa waraana qubsiisuun hawaasni bakka itti yaalamu dhabee rakkataa jira.

Barattoonni baratanii akka hin milkoofneef mataa irraa hojjetaa kan jiru PPn manneen barnootaa keessaa barattoota baasuun waraana keessa qubsiisee barnoonni akka hin baratamne taasisaa jira jechuun jiraattonni magaalaa Daduu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Hojjettoonni waajjira barnootaafi maanguddoonni manneen barnootaa keessaa akka ba’aaniif gaafachuuf kan deeman ta’us, waraanaan reebamanii akka galan jiraattonni dubbachuun, mootummaan itti yaadee gama maraan nu miidhaa jiras jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading