ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2023
Hacuuccaa fi dhiittaa mootummaa abbaa irreen uummata nagaa irratti adeemaa jiru balfuun ilmaan Oromoo dirqamaan sirnicha akka tajaajilaniif qabamanii adda waraanaa deeman, carraa argatanitti fayyadamuun gara qabsoo haqaatti makamaa jiru.
Haaluma kanaan loltootni murna bilxiginnaa tajaajilaa turan sadii qawwee fi hidhannoo guutuu waliin Wallagga lixaa aanaa Baabboo Gambeel Ganda Shimal Tokkee keessaa waraana Bilisummaa Oromootti makamaniiru.
Loltootni kunneenis AKM 3, rasaasa AKM 720, boombii 2 fi hidhannoo guutuun WBOtti kan makaman yoo ta’u karaa waraana bilisummaa Oromoos simannaa hoo’aan taasifameeraaf.
Akka loltootni kunneen jedhanittis ilmaan Oromoo balleessaa isaanii malee ajaja olii kennameen ajjeefamaa jiru, kun ammoo Oromoo lafa irraa duguuguuf waan karoorfatamee hojjatamaa jiru waan ta’eef saba keenyatti dhukaasuu irra saba keenyaaf dhukaasuu wayya jennee waan itti amanneef gara waraana Bilisummaa Oromootti makamuuf murteessines jedhaniiru.
Itti dabaluunis waliigalteen mooraa isaanii keessa akka hin jirre kaasuun, akkasuma sabaan wal qoodiinsi Oromoo fi Amaaraa gidduutti deemaa jira, ilmaan Oromoo hedduunis ati waraana bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabda jechuun mooraa isaanii keessatti ajjeefamaa fi hidhamaa jirus jedhan.
Dhuma irrattis lola bu’aa hin qabnee fi saba keessan lafa irraa duguuguuf meeshaan baattanii deemtan kan saba keessaniif gaaddisa ta’uu fi diina keessanitti garagalchuun waraana bilisummaa Oromoo waliin hiriiraa qabsoo haqaa WBO’n geggeessaa jirutti makamaatii saba keessan bilisa baasaa jechuunis dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

