• Sat. May 23rd, 2026

Chaayinaan Ministira Ittisaa Lii Shaangfuu erga ji’a lamaaf dhabamee booda aangoo irraa kaasuu CNN gabaase

Oct 25, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2023

Ministirri Ittisaa Chaayinaa Li Shaangfuu Kibxata kaleessaa  erga ija uummataa jalaa badee ji’a lama booda hojii irraa ari’amuun, ministeera olaanaa dhiheenya kana ibsa  tokko malee hojii dhaabe isa lammaffaa ta’eera.

Liin miseensa Koomishinii Waraana Giddugaleessaa – qaama humna guddaa qabu kan hogganaan Chaayinaa Shii  Jinpingiin durfamu  humna waraanaas ajaju,  akkasumas miseensota mana maree naannoo Chaayinaa shanan keessaa tokko ta’uun – kaabinee keessatti iddoo olaanaa sadarkaa   ministeera idilee qabu keessaas ari’atamuu  miidiyaan  mootummaa Chaayinaa CCTV’n gabaaseera.

Murtee kana koree dhaabbataa mana maree seera baastuu chaappaa  biyyattii, Koongireesii Uummataa Biyyaalessaatiin raggaasifamuu isaa CCTVn kan gabaase yoo ta’u, koreen kun nama Lii bakka bu’e tokkollee hin kaasne.

Ji’a Bitootessaa keessa ministeera ittisaa ta’uun kan muudaman Liin dhuma baatii Hagayyaa irraa eegalee ummata duratti kan hin mul’anne yoo ta’u, kunis hiree isaan eeggatu irratti tilmaama cimaa kaasuun isaa ni yaadatama.

Dhabamuun  Jeneraalichaa, baatii Adoolessaa keessa Ministirri Dhimma Alaa duraanii Qin Gang haala ajaa’ibaa ta’een aangoo irraa kaafamuu fi ibsi itti kennamuu dhabuu dabalatee, raafama hojjettoota sadarkaa olaanoo biyyattii jeeqe hordofeeti.

Qin Kibxata darbe miseensa mana maree kutaa biyyattii irraa  kaafamuu isaanii  CCTV gabaaseera.

Ministirootni olaanoo lama saffisaan wal duraa duubaan dhabamuu fi hojiirraa ari’amuun isaanii bulchiinsa Shii irratti gaaffii kan kaase yoo ta’u, gochi kunis aangoo walitti qabuu fi naamusa dhaabaa cimaa kabachiisuun sirna siyaasaa Chaayinaa daran ifa akka hin taane taasiseera.

Shiin nageenya biyyaalessaa cimsuuf duula taasifamus cimsuun balaa fi saaxilamummaa Paartii Koominiistii biyya bulchaa jiru irratti mul’atu kamiyyuu dhabamsiisuuf jecha tarkaanfii kana fudhachaa jiraachuu ibsuun, gocha kanas kan raawwachaa jiran yeroo waldhabdeen biyyoota dhihaa waliin dabalaa dhufe keessatti.

Li’n aangoo irraa kaafamuun isaa,  mariin waraanaa sadarkaa olaanaa Chaayinaa fi Ameerikaa gidduutti akka deebi’ee jalqabuuf daandii guddaa cufuun dubbatamaa jira.

Liin bara 2018 Chaayinaan meeshaa waraanaa Raashiyaa bitachuu isheetiin US Ameerikaan qoqqobbiin irra kan kaa’ame yoo ta’u, Beejiing qoqqobbiin kun yoo haqame malee barreessaan ittisa Ameerikaa Lii waliin walgahii akka hin arganne irra deddeebitee yaada dhiheessuu gabaasa bal’aa CNN kaleessa qabatee ba’e ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading