• Fri. Nov 27th, 2026

Godina Bunnoo Beddellee aanaa Beddellee bulchiinsa magaalaa  Beddellee keessatti maqaa miseensa WBOti jedhuun dargaggeessi tokko hidhamee hiraarfamaa jiraachuun dhaga’aame

Oct 25, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2023

Seer-dhablummaan Kan dagaage impaayera Itoophiyaa keessatti maqaa namootni hin qabneen kaadirootni PP namoota nagaa yakkanii, Murtii seeraa malee akka fedhanitti ajjeesaa, gariin ammoo reebicha  waraanni sirnichaa irratti geggeessaniin rakkoo fayyaa guutuu dhabuu cinatti hidhanii baatiilee dheeraafis hiraarsaa oolu.

Dargaggeessi maqaan isaa Gammachuu Gaaromsaa jedhamu dhalootaan godina Wallagga bahaa Kan ta’e hojiidhaaf baatii Hagayyaa Keessa godina Bunnoo Beddellee bulchiinsa magaalaa Beddellee deemee waraana maafi’aa PPn qabamee akka hidhamee fi yeroo ammaa Waajjira poolisii ganda 01 keessatti akka argamus maddeen keenya nuuf heeraniiru.

Yeroodhaa yerootti Waajjira poolisii bakka inni jiruutti baasanii reebicha ulfaataa irraan ga’aa akka jiranis Kan dubbatan jiraattotni, qorannoon isaanii inni guddaan ati miseensa WBOti, ergama isaanii ba’aachuuf dhufte, dhugummaa isaa yoo hin amanne hireen Kee du’a qofaadha jechuun hiraarsaa akka jiran odeessi keessoo PPdha ba’e ni addeessa.

Leave a Reply