• Mon. Nov 16th, 2026

Waraanni Shororkeessaa PP Kaaba Shaggar Aanaalee hedduu meeshaa gurguddaan rukutaa jiraachuun ifoome 

Oct 25, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2023

Sirni impaayericha utubee jiru abdii murannaa guddoo keessa seenuun ollaa uummataa meeshaa gurguddaan haleeluun lubbuu namootaa akka malee baasaafi qabeenya uummataa barbadeessaa jira.

Kaaba Shaggar aanaalee akka Yaayyaa Gullallee, Dagam, Kuyyuu, Ada’aa Bargaa, Meettaa Roobii, Meettaa Walqixxeefi Hidhaabuu Abootee keessatti meeshaalee Akka Moortara, BM, Madfii Taankiifi Zu 23 itti dhukaasuun lubbuu namootaa balleessaa akka jiru maddeen keenya ifoomsani.

Akka maddeen keenya jedhanitti dhukaasni kun dhaabbataadhaan dhuka’uu kan eegaluun torbee tokko kan caale yoo ta’u, uummatnii Kaaba Shaggar akka walii galaatti rakkoo hamaa fi rifaatuu keessa akka jirus dubbataniiru.

Uummanni nagaan heedduun ajjeefameera, kaanis madaa’eera.Qe’eefi qabeenya isaanii dhiisanii baqataa akka jiraniifi horiin qonnaan bultootaa heedduunis haleellaa kanaan gaaga’amaa akka jirus dabalanii heeraniiru.

Leave a Reply