ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn, zoonii kibbaa konyaa Gujii lixaa, aanaa Galaanaa Ganda Carii Baddeessaa keessatti kaleessa Onkoloolessa 25/2023, waaree booda sa’a 9:00 -12:00tti bakka saditti tarkaanfii diina irratti fudhatee jira.
Tarkaanfii laleessaa qaqqaaliiwwan Zoonii kibbaa fudhataniin loltoota PP 24 ol yommuu ajjeesan, loltoota hedduu ammoo madoo ambulaansii afur tolchuum gara magaalaa Diillaatti akka fe’atan taasiseera.
INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!
