• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessatti namni tokko ajjeefamuu fi hidhaan jabaachuu jiraattotni dubbatu

Oct 27, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2023 

Tuutni waraanaa ergama abbaa irree tarkaanfachiisuuf uummata Oromootti boobbaafame, dhimma ba’eef milkeessuuf ajjeechaa, hidhaa, saamicha akkasumas qe’ee namoota nagaa ibiddaan barbadeessuun yakkoota waraanaa gurguddoo raawwachaa jira.

Haaluma kanaanis jiraataa lixa wallaggaa aanaa Lataa sibuu ganda Buukee Goorii Kan ta’e abbaa Ilmaan sadii obbo Ciibsaa Margaa jedhamu Onkoloolessa 24, 2023 qe’ee isaa maatii biraa waraanni maafi’aa PP qabuun guyyaa lamaaf magaalaa Gooriitti hidhuun dararaa ulfaata irraan ga’aa erganiin turaniin booda Kaleessa Onkoloolessa 26, 2023 Mana hidhaatii baasanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Goorii keessatti haalli nuti keessa jirru ulfaataadha Kan jedhan jiraattorni, dargaggootni hedduun hidhamanii gaaffii seeraa malee dhibee adda addaan akka saaxilamaa jiran himuun namoota maqaan isaanii Gammachuu Taaffasaa, Taammiraat Sanbataa fi Baacaa jedhaman dabalatee namootni hedduun rakkoo ulfaataa keessa jiraachuunis beekamera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading