ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2023
Sirni hammeenyummaa hiriyaa hin qabne uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru bilxiginnaan karoora badii uummata Oromoo irratti jabeessee itti fufuuf dargaggoota Oromoo humnaan qe’ee isaanii irraa qabee leenjii waraanummaa kenneefii bobbaasus, ilmaan quuqamni saba isaanii itti dhagaa’ame sirnicha ganuun WBOtti makamaa jiru.
Haaluma kanaan dheengadda Onkoloolessa 25, 2023 godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawaa buufata waraanaa ganda Doogoo Dhukkisaa irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 4 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti makamanii jiru.
Miseensotni waraana bilxiginnaa 4n kun qawwee Turkii afurii fi hidhannoo guutuu afur waliin gooticha waraana bilisummmaa Oromoo bira kan ga’aan yoo ta’u, simannaa hoo’aa WBOn taasiseefittis gammadaniiru.
Dhuma irrattis sirni koloneel Abiy Ahimediin hogganamu kan karoorri isaa lolaa fi uummata isaan morman humnaan cabsee bulchuu fedhu bakka fedhetti nu bobbaasee wareegama hin malle nu kaffalchiisaa waan jiruuf, ilmaan Oromoo achi keessatti haftan, qawwee fi hidhannoo keessan waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo keessan jirutti akka makamtan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.


