ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2023
Ilmaan Oromoo goleewwan Oromiyaa garaa garaa irraa of jireessuuf magaalaa Finfinnee fi naannoowwan ishee jiraatan hedduun maqaa ergamaa fi akeeka Waraana bilisummaa Oromoo milkeessuuf dhuftan jedhuun qabamanii, manneen hidhaa gurguddoo impaayerattii keessatti hiraarfamaa jiru.
Haaluma kanaanis Ilmaan Oromoo hedduun balleessaa tokko malee Mana hidhaa Buraayyuu aanaa Sadaffaa keessatti yeroo dheeraaf dararamaa kan jiran yoo ta’u, Ibsaa Biqilaa Darajee Laaloo assaabii irraa ji’a afuriif, Sab-keebar Dabaree aanaa Walisoo irraa ji’a 3f, Mootummaa Addunyaa Oliiqaa kiiramuu irraa ji’a 1f, Daani’eel Bayyanaa Guddisaa Naqamte 06 irraa ji’a 2f, Ibsaa Toleeraa, Kaafamaa Abdisaa Horroo guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo irraa ji’a 2f, Daanyee Tashoomaa godina lixa Shaggar aanaa Gindabarat irraa ji’a 10f, Dagaagaa Tamsageen aanaa Midaaqany irraa ji’a 5f, Biliiardis Shibbiruu ji’a 5f, Firoomsaa Abbabaa ji’a 2f, Saamsoon Abdiisaa ji’a 2f, Beenyaa Rabbumaa Ji’a 1f, Oromiyaa Hordofaa Jalduu irraa ji’a 5f, Obbo Darajjee Alamaayyoo ji’a 3f, Kennaa Tafarii ji’a 3f fi Boonsaa Siisaay ji’a 3f hidhamuun hiraarfamaa jiraachuu maddeen himuun isaan malees namootni hedduun mana hidhichaa keessatti kan argaman ta’uus dubbatan
Namootni hojii tikummaa sirnichaatti bobba’uun Buraayyuu keessatti Ilmaan Oromoo funaansisanii hiisisaa jiran Kaaleb Geetahuun fi Maarqoos Baqqalaa Kanneen jedhaman yoo ta’u, jarreen kun alaabaa ABO-WBO mana namootaa keessa buusuun manicha keessatti akka waan argameetti ittiin namoota qabsiisaa jiraachuun beekamera.

