• Thu. Jul 30th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti Miseensotni Faannoo tooftaan maallaqa dabarsuuf yaalaa turan qabamuu fi beellama araaraa qabamee turerraa hafuun dhaga’aame 

Oct 29, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2023

Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa hawaasa naannichaa irra odeeffatetti tumsitoonni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo, Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa osoo maallaqa fuudhanii gara magaalaa Shaambuu deemaa jiranii heeruu hawaasaatiin to’atamuun beekame.

Akka jiraattotni bakkichaa ONMf ibsanitti namni miseensa Faannoo ta’e kun qalqallootti maallaqa naqee afaan qalqalloo irratti ammoo Jimaa naqee akka nama gurguraaf deemaa jiruutti osoo magaalaa Shaambuu hin ga’in bakka Saqalaa jedhamutti hawaasni bakkichaa shakkuun yoo irraa fuudhanii ilaalan maallaqni akka keessa jiru erga arganiin booda to’achuu ibsan.

Gaaffii eessa geessitaa fi eessaa fidde jedhee hawaasni gaafateefis meeshaa ittiin bitachuuf hawaasa irraa walitti qabne kanaaf mana baankii galchuufin deemaa jira jechuun deebiseef.

Akka jiraattonni jedhanittis numa keessa ta’aanii numa ittiin  ajjeesuuf meeshaa nurratti bitachaa waan jiraniif uummanni Oromoo of eeggannoo akka godhuu fi waan qabuun tokkummaan ka’ee humnoota kana of keessaa balleessuu qabas jedhan.

Oduuma finxaaleyyii Amaaraan walqabatuun godinicha keessatti ni araaramna jechuun beellama qabatanii kan turan yoo ta’u, humnootni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan kunneenis amma lafa irraa isin duguugnutti waanti isin waliin walitti nu araarsu hin jiru kanaaf hin araaramnu jechuun diduu isaanii jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading