• Wed. Nov 29th, 2023

Lixa Shaggar aanaa Dandii keessatti namootni nagaan maqaa waraaana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiran lakkoofsaan shantamaa ol ta’u maddeen himan 

Oct 29, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2023

Maqaa waraana bilisummaa Oromoo of dura qabuun Oromiyaa keessatti namuu gochaa isaa malee hidhaa jumlaa dabalatee qabeenyi isaa karaa seer malee harkaa saamaamaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Dandii magaalaa Giinchii keessatti dargaggoota hojii baajaajii oofuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan dabalatee dargaggoonni hedduun maqaa waraaana bilisummaa Oromoof wa deddeebistu maqaa jedhuun baajaajiis dabalatee isaanis akka hidhantu dubbatama.

Guddisaa Bajigee fi Caalaa kanneen jedhaman dargaggoota hojii Baajaajiin jiraatan yoo ta’u, ragaa sobaan  qabanii erga reebicha ulfaataa irratti raawwataniin booda mana hidhaa magaalichaa keessatti hidhanii dararaa jiru jedhu maddeen.

Akkasuma dargaggoota maqaan isaanii Bojaa Dirribaa, Baqqalaa, Darajjee fi Baacaa jedhamanis gochaa isaanii malee maqaa waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun akka hidhanii dararaa jiran maddeen dabaluun dubbatu.

Aanicha keessatti hidhaan daangaa hin qabne namoota nagaa irratti raawwatamu kan sobaa fi maallaqa namoota harkaa funaanuuf kaabinoonni fi waraanni sirnichaa tooftaa godhatanii ittiin hojjechaa jiraniidhas jedhan.

Leave a Reply