ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2023
Hidhattootni garee maafi’aa PP haamilee hin qabne kanneen uummata nagaa irratti gootummaa isaanii agarsiisan yeroo mara maqaa ilmaan keessantu WBO keessa jira jedhuun namoota nagaa ajjeessuu fi hidhuun akkasuma qabeenya jalaa saamuun uummata gidirsaa jiru.
Haaluma kanaan aanaa Eeban Arsii ganda Argaddaa Shaaldoo jedhamu keessaa ijoollee keessantu WBO keessa jira jechuun dheengadda Onkoloolessa 28, 2023 namoota maqaan isaanii Aliyyii Hajii Mohaammad haadha manaa isaa aadde Saafi’aa Shee Useen, Amaanaa Haaji Shaaqoo, haadha mana isaa Ayyaanee Niinoo, Shaambal Edaasoo, Nadhii Wayyeessoo fi Nageessoo Magarsoo haadha manaa isaa Quuftuu Roobaa jedhamtu loltootni PP reebicha ulfaataa irratti raawwachuun mana hidhaatti darbachuun dubbatame.
Akka jiraattota ganda sanaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti maatiin ijoollee isaaniif jedhanii dararamaa jiran kunneen Ilmaan isaanii umurii dargaggummaa irra jiran akkaataa itti dhowwuu danda’an waan hin qabneef dararamuun hin maluuf ture akkasumas caasaaleen sirnichaas kana wallaalanii Osoo hin taane itti yaadanii Uummaticha dararuuf sagantaa isaan tumataniidhas jedhan.
Aanicha keessatti namoonni shantamaa ol murtii seeraa malee hidhamanii dararamaa akka jiran jiraattotni himuun, hidhamtoonni hedduun dhukkubsachaa jiraachuu fi maatiin gara mana yaalaa geeffachuuf gaafatanis hooggantootni mana hidhichaa diduu dubbatu.




