ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2023
Karooraaf sagantaa dabballoota PP’n bocamaa bulu hojiitti hiikuuf afaan qawwee of dura qabanii uummata nagaatti kan bobbaafaman hidhattootni sirnichaa, dhiyeenya ammoo maqaa waraqaa eenyummaa jedhuun harargee lixaa aanaa Xuulloo bulchiinsa magaalaa Hirnaa keessatti jiraattota hiraarsaa jiru.
Akka jiraattotni magaalaa Hirnaa jedhanitti dargaggoota adda waraanaatti erguuf tooftaa uummatanii socho’aa kan jiran qaamotni kunneen, daandii gubbaa dhaabbatanii tuuta namootaa keessaa nama filannoo isaanii ta’e waamanii waraqaa eenyummeessaa gaafachuun mana hidhaatti darbachaa jiraachuu fi achirraa ammoo gara adda waraanaatti guuraa jiraachuu dubbatu.
Armaan dura Ilmaan Oromoo hedduu Godinoota Harargee lamaan keessaa humnaan ukkaamsanii adda waraanatti guuruun irbaata rasaasaa gochaa kan turan caasaaleen Bilxiginnaa, tooftaa haaraa tibbana uummataniin ammoo waraqaa eenyummeessaa hin qabdu jechuun dargaggoota dirqama loltummaaf guuraa jiraachuu jiraattotni himan.

