ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2023
Akkuma guyyootni dabaree isaanii eeganii Wal jijjiiran, dhumaatiin ilmaan Oromoo Wal furaa dhufuun, namni hunduu har’an du’aa fi boran du’aa of irratti eeguun jiruu yaaddoof saaxilamee jira, haala kanaan itti fufnaan egereen Oromoo fi Oromiyaas yaaddessaadha.
Onkoloolessa 29, 2023 Waraanni faashistii PP godina Wallagga bahaa aanaa Saasiggaa ganda Daalee jedhamu keessatti namoota nagaa 4 irratti dhukaasa bananiin Gammachiis Gurmuu fi Taarraqeeny Gabayyoo yoo ajjeessan, Addaam Tasfaa ammoo madeessuun, Surraa Waaqjiraa Kan jedhamu qabanii deemuun eessa akka geessan hin baramin jiraachuu jiraattotni dubbatu.
Aanaa Saasiggaa keessatti hidhaa fi ajjeechaa dabalatee rakkoolee hedduun akka jiru Kan heeran jiraattonni, kaadirootni PP garaaf bulan, guyyaa hundumaa namoota nagaa ilaalcha WBO qabda jedhanii ba’uu fi galuu hordofuun irbaata rasaasaa taasisaa akka jiran jiraattonni yaada isaanii Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf qoodan dubbatu.

