ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2023
Tooftaa fi tarsiimoo haaraa giipii uummataa keessaa ittiin maallaqa fudhachuun danda’aamu bocanii kan as ba’aan dabballootni PP, dhaabbilee tajaajila hawaasummaa cufa keessatti maqaalee garaa garaa sababa godhachuun uummata saamaa jiru.
Haaluma kanaanis ji’a darbe irraa eegalee gandoota magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii keessatti namoota waraqaa eenyummeessaa haaraa baafachuu deeman irraa kaadirootni sirnichaa maqaa Inshuraansii fayyaa jedhuun maallaqa 4000, namoota waraqaa isaanii haareffachuuf deeman irraa ammoo maallaqa 1170 funaanaa jiraachuu maddeen dubbatan.
Magaalicha keessatti gochi kun addatti ganda 04 bakka lakkoofsa 140 jedhamee waamamu keessatti gaggeeffamaa jiraachuu kan himan maddeen, kallattii tokkoon namootni maallaqa kana kaffalanii waraqaa eenyummeessaa baafachuuf rakkachaa jiraachuu fi kallattii biraatiin ammoo yoo waraqaa eenyummeessaa hin qabaatin socho’uun akka hin danda’aamee fi hidhattoota sirnichaan qabamanii hidhamuun hiraarfamuun yaaddoo isa olaanaa ta’ee jiras jedhu.


