• Tue. May 5th, 2026

USAID walitti bu’iinsa Oromiyaa keessatti uumameen bakkoota miidhamaniif xiyyeeffannoon akka kennamu gaafate

Oct 31, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2023

Secciin gabaabaan imaammataa kun dhiibbaa walitti bu’iinsi naannoo Oromiyaa  bakkeewwan adda addaatti uume ilaalchisee argannoo qorannoo Wiirtuu Guddinaa fi ijaarsi daandeettii CDCBn geggeesse irratti hundaa’uun argannoo gurguddoo xiyyeeffannoo barbaadan dhiyeesseera.

Sababa walitti bu’iinsa naannicha keessatti itti fufee jiruun lubbuun namootaa darbeera, uummanni baay’een buqqa’ee faca’eera, qabeenyi manca’eera, hojiileen misoomaa gufachiifamaniiru akkasumas duudhaan waliin jireenya uummataa haphateera jedha gabaasichi.

Akka bu’uura argannoo qorannoo CDCBtti uummanni gara miliyoona 1.3 tti dhiyaatu naannoo Oromiyaa keessaa buqqa’eera.

Buqqaatota kanneen keessaa dhibbentaan 29 (namoota 374,400) qofatu gara wiirtuulee da’oo ga’e. Warri hafan dhibbentaan 71 hawaasa keessa faca’aanii jiru.

Dhiibbaa barnoota irra ga’e ilaalchisees gabaasichi, manneen barnootaa 730 cufamaniiru, barattootni 210,000 barnoota irraa adda bahaniiru, akkasumas barsiisotni fi ogeeyyiin 117 dhaabbilee naannoo walitti bu’iinsi jiru keessaa hojii irraa ugguramanii jiru.

Kana malees duudhaan hawaasaa hubamuun, sababa kanaanis gara jabinnii fi seerdhablummaan babal’achuu ibseera.

Gara jabumman babal’achuu kan ibsu taatee Sadaasa 6, 2022 keessa amantoota waldaa kiristaanaa Makkana Yesuus waaqeffannaa irra jiran godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Bagaloo keessatti raawwate kan jedhu gabaasichi, gochii hidhattoota faannoon hawaasa  Oromoo  godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti raawwatus badii uumee jira jedha.

Akka qorannoon Wiirtuu Guddinaa fi ijaarsa daandeettii CDCB irraan argadhe jechuun USAID maqaa Seccii Imaammata CDCB gabaabaa Oromiyaatti bakkeewwan walitti bu’iinsaan miidhamaniif xiyyeeffannoo hatattamaa uumuu jedhuun Fulbaana 2023 baaseen, argannoo isaa irraa ka’uun yaadota furmaataa heeruun cinatti walitti bu’iinsa naannicha keessatti ABO-WBO fi bilxiginnaa waliin geggeeffamaa jiruun wal qabatee rakkoo uumamee jiru mootummaa naannichaa, Federaalaa fi arjoomtotaa deebii hatattamaa kennuu qabu jechuun ibseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading