• Sun. Nov 22nd, 2026

Lixa Harargee keessatti nagaa hawaasaa ittiin eegna jechuun dirqamaan hawaasa irraa qarshii saamaa jiru

Oct 31, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2023

Nagaan ba’aanii galuun biyya yaaddoo ta’e keessatti nagaa keessan nutu isiniif eega, isin qarshii baasaa jechuun uummata qaala’iinsa jireenyaan rakkoo keessa jiru dirqamsiisuun qarshii irraa guuraa jiru.

Godina Harargee Lixaa Aanaa Habroo, gandoota badiyyaa keessatti uummata irraa nagahee tokko malee qarshii guuraa kan jiran yoo ta’u, maaliif jedhamanii yeroo gaafatamanitti, nageenya keessan ittiin eegnaafi meeshaa lolaa ittiin binna jechuun uummata sossobanii irraa guuraa jiraachuu maddeen keenya himan.

Akka maddeen keenya jedhanitti, nama ofirraa kaffaluu dadhabe ati WBO deggerta jechuun uleen tumanii mana hidhaa geessaa kan jiran yoo ta’u, mana hidhaa sana irraa baasuufis qarshii 1000 hanga 3000 fudhataa akka jiran dubbataniiru.

Qarshiin kun ji’oota lamaan darban irraa eegalee bifa kanaan guuramuu kan jalqabe ta’uu kan himan maddeen keenya, karaa seera qabeessa hin taaneen guurratanii deemuu malee akka aanaa sanaatti waanti haaraan ittiin hojjetamaa jiru hin jiru jedhaniiru.

Leave a Reply